963: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?

Audio
Content
Gaafii: Yoo warra kiyya waliin rafee itti qanani’ee ka an osoo hin dhiqatin natti azaaname janaabaa sani ittumaanin salaata moo ni dhiqadha?     Deebisaa: Janaabaadhaan salaatuun hin jiru sitti azaanamee azaanamuu baatee janaabaa ufirraa buusanii seera isaa hunda guuttatanii, eega istinjaa godhanii booda wudu’ataanii, gara mirgaatti bishaan buufatanii, eegasii qaama ufii hunda bishaan waliiniin gahanii haga qeensaaf rifeensaan baatuu waliin gahanii dhiqatanii ka’anii salaatan. Azaanamee azaanamuu baatee janaabaan namarraa ba’u malee hin ta’u ka dhiiraatis ka dubartiitis jechu   Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned