956: Maatiin intala dubraa wallaalaan biyya irraa baasan dilii isaanii saniif maal godhuu qaban?
Audio
Content
Gaafii: Biyyarraa bahuun jaarsi koo na baasuu, abbaan koo na baasuu ufii uf baasuu dogongora ta’uu uf beeke ammoo toowbaa kootiif biyyatti deebi’ee toowbaadhee heerumuu fedha warren keenya ka nu baasan kana hoo maaltu isaan irra jira? Deebisaa: Eega dogongora ufitti beeytee ka heerumtu taatee Rabbiin toowbaa teellee sirraa haa qeebalu keeyruma dalagde. Ammoo warra keessan kan gaafa duraa waan kanarratti si gargaare wanni isaan irratti jiru Yaa Rabbi waan dogongoraan dalagne dhiifama nuuf godhi jedhanii Rabbii isaanii qofa araarama kadhachuudha malee kaffaaraan woyiituu isaan irra hin jirtu. Dr.Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned