953: Dubartiin heeydii irraa eega xahaarattee booda bishaan booruu yoo argite, salaata ni dhoowwaa?

Audio
Content
Gaafii:  Intala dhalaa takka yeroo heeydiin itti dhuftee xahaaratte duuba xahaaraa boodaan bishaan yookaa dhiiga booruu takkatu itti dhufaa saniif jecha salaata ni dhiiftii.     Deebisaa:   Eega xahaaratteen boodatti yoo dhiigni heeydii itti dhufe lammeessaa salaata ni dhaabdi, ammoo booruuf jecha akkuma sahaabiyyaanni zamana Nabii Rabbi keessatti jedhan eega xahaarannee booda dhiiga tortoraan yoo nutti dhufe heeyditti hin lakkoofnuu jedhan. Kanaafuu eega xahaarattee booda booruuf wasakni sitti dhufu wuduu’a balleessa malee heeydii hin jedhamu. Salaata salaatuu, soomana soommanuu, jaarsa keetitti ida’amuudhaafis mirga guutuu qabda sanii jettee salaata kee hin dhiisin.   Dr.Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned