935: Qabrii irratti waa ijaaruu/katabuun ni tahaa?
Audio
Content
Gaafii: Namni kiyya tokko yoo du’ee qabrii bira dhaqee yoo waa gubbatti ijaaree takkaahuu maqaa irratti katabe balleessaa jirtii? Deebisaa: Nabiin keenya ? ni dhoorke; qabrii takka ta waa irratti ijaaramu yoo Rabbi irratti isin geessellee irraa diigaa. Masjiida qabrii irratti ijaaruun dhoowwa. Akkasuma maqaallee irratti katabuun dhoorka. Bakka jirtan cufattuu waan akkanaa irraa walfageessaa. Ammoo bishaan irraa deebisuuf jecha takkaahuu qabrii san milikkata itti godhuuf jecha hamma taakkuu takkaa simintoo ta’uu dhagaa akka kaabitti kaahuun humaa hin qabu. Garuu taakku takka bira oldabruu dhabu. Dr.Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned