929: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun ni tahaa?

Audio
Content
Gaafii: Intala takka fuudhee, intala ani fuudhe tana halkan tokko eega an waliin bultee, guyyaa lammataa abbaa isiitti telefoona dhoofnee nikaha naaf godhanii.     Deebisaa: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun hin jirtu shari'aa Rabbii guddaa keessatti. Maaliif jennaan karaa halaala hin ta’iniin walitti dhufanii, haga isiin dhiiga sanirraa qulqullooftee toowbatanii Rabbitti deebi’anii, sadaqaan adda bahiinsan, soomaan salaataan, Rabbii ufii araarfatanii deebi’anii wal fuudhuu danda’an.   Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned