921: Namni tokko gammachuudhaaf yoo nama affeere mana isaatii nyaachuun ni ta'aa?
Audio
Content
Gaafii: Daa’awaan yookaa waamichi obboleessi keenya tokko nu yaamu fakkeenyaaf ka inn mana ijaaratee nu yaamu yoo inni gammachuudhaaf daggasee nu yaame dhaqanii nyaachuu dhoowwa jedhaa warri gariin, midhaan akkasii san nyaachuun hin ta’u nuun jedhanii ni nyaanna moo ni dhiifnaa maaltu haraama godhe? Deebisaa: Namni tokko yoo gammachudhaaf yoo nama yaame, aroozaaf yoo nama yaame, e yoo nama yaame mana ijaaratee gammachuudhaaf du’aa’ii naaf godhaa jedhedhaquun ni ta’a humaa takka rakkoon hin jiru. Waamicha obboleessa awwaachuun waajiba shariyaa islaamaa keessatti waan bakka inni itti nama yaame sani diliin hin jirreen. Garuu waan mana ijaarsa waan gammachuu fuudhaa, na dhukkubaa koottaa du’aa’ii naaf godhaa jedhe qalee yoo nama yaame rakkoon hin jiru. Dhaqanii du’aa'ii godhaniif nyaata isaa nyaachuun kabajaa isaatii ka inni namarraa qabu. Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned