917: Kitaabaa Qur'aanaa waraqaan mammaranii nyaachuu hukmiin isaa akkami?
Audio
Content
Gaafii: Biyya keenyatti bakka kitaaba bananii kitaaba laalanitti qur’aana katabanii mammaranii nyaadhu namaan jedhan, quraana sani waraqataan wajjiin nyaachuun akkam hukmiin isaa? Deebisaa: Shari'aan islaamaa kitaaba qur’aanaa nyaadhaa wanti siin jedhe hin jiru. Waan akka falfalaa katabanii namatti kennan nyaadhaa wanni shari'aan namaan jedhe hinjiru. Shari'aa Rabbii keessatti dawaan godhame ka mukarraa ta’e taanaan qur’ana qara’anii ufitti tufan taanaan, bishaan qaruuratti naqanii Faatihaa torba qara’anii itti tufanii ka bishaan san dhugan taanaan kun shari'aan hayyamee jira. Garuu qur’aana waraqaan mammaranii nyaadhu jechuu shari'aan hin hayyamuu. Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned