896: Dubartoonni mataa qullaa wuduu'atuu fi surree uffachuun ni tahaa?
Audio
Content
Gaafii: Dubartoonni arabaa kun yoo wudu’atan mataa qullaa wudu’atanii, wudu’ani isaanii ni ta’aa? Gariin uffata gaggabaabaan deemanii gariin isaanii surreen deemanii, hoggama salaataaf dhufan waa ufitti mammaranii kun ni ta’aa? Wuduu'in mataa duwwaa wudu’atan numa ta’aa garuu surree uffachuuf hijaaba dhiisanii uffata dhiiraa uffachuun abaaramanii jiran. Rasuulli Rabbi ? dubartii uffata dhiiraa uffattu Rahmata Rabbii irraa isii haa fageessu jedhan. Dhiirti huccuu dubartii yookaa akka dubartii mataa dheereffatu mataa dhawatu, gurra uratu Rabbi Rahmata ufi irraa isaan haa fageessu jedhan Rasuulli Rabbii. Abaarsa Rasuulaattu itti jira warra san. Garuu salaanni isaanii wuduuni isaanii numa ta’a inshaallaah yoo seera guutatan. Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned