866: Namni haxxiffate nama haadhaafi abbaan maqaa kaasan je'anii dubbiin tun akkami?

Audio
Content
Gaafii: Yoo namni tokko haxxiffate, haxxishoo tana keessatti namni tokko tokko ni hoodata, maal jennaan namni haxxiffatu kun nama haadhaa abbaan dubbatan jedhanii dubbiin tun akkami?   Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii walumaa galattuu waa hedduudha wanni namni wallaalaan himu. Yoo ijji nama sossoote, yoo harki nama nyanyaate, yoo miilli nama nyanyaate waan adda addaa jedhan. Keessummaatu dhufa; maallaqan argadha jedhan. Tiitichillee yoo afaan nama seene foon nyaatta waliin jechuufaatu jira. Tanaafuu irra hedduun waan namni wallaalaan jedhu malee waan hukmii shariaa keessa jiruu miti. Garuu hogguu haxxiffatan Nabiin keenya ? akka nu barsiisetti namni tokko hoggaa haxxiffate alhamdulillaah jedha. Namni bira taa’u ammoo yarhamukallaah jedhaan. Ka haxxiffate deebi’ee yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum jedhaan.     Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned