886: Khuxbaarratti aamiin jechuun akkami?
Audio
Content
Gaafii: Khuxbaa jum’aarratti hogguu imaamni duaaii godhu jalaa aamiin jechuun maal qabdi? Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii duaaiin sumuda hin qabne hin qeebalamtu hadiisa jedhutu jira. Sumudni ykn chaappaan duaaiidhaa aamiin jechu. Garuu ammoo ta sagalee ol fuudhanii bakka takkatti aamiin jedhan tanaa miti. Suutumatti matuma ufiitiif namuu bakkuma jiruu aamiin jechuun waa takkallee dhoorkaan hin jiru. Ta bakka takka takkatti guyyaa jumu’aadhaa sagalee ol fuudhuun Radiyallaahu anhu jedhan san bid’a. Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned