885: Daa'ima du'e awwaalaniiti moo osoo hin awwaalle irratti salaatan?

Audio
Content
  Gaafii: Namna tokko yoo ilmoon irraa duute, ilmoo tana osoo hin awwaalle irratti salaatan moo achi booda? Deebisaa: Salaanni janaazaadhaa bifa lama qaba. Manatti takkaahuu masjiidatti osoo hin awwaalle irratti salaatu. Warri salaanni bakka lamaan tanaa dabre, waan dhalaa hin tahin qabritti eega awwaalan booda irratti salaatuu ni dandaya. Karaa lachuu rakkoon takka hin jirtu.     Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned