883: Waan namni gate yoo fuudhee nama biraatiif kenne maal qaba?

Audio
Content
Gaafii: Bakkaan dalagutti waan namni itti haajamu cufa alarraa fidan. Duuba jarri kun bikka ooyruu haa tahu, bikka manaa haa tahu, waan kana achumatti dhiisanii biraa deeman. An ammoo waan kana fuudhee namaa qooda. Waan kana keessatti balleessaa qabaa?   Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii wanna gaafii fidu cufa waatu jala jiraa beekkadhu. Yoo fakkeenyaaf ruuza jiraa, sukkaara, shaahii bitanii achi kaayanii hoggaa dhufan ka itti haajaman taate, amaanaa san achumatti jabeessuutu sirra jira. Yoo nyaanni isaan fidan nyaata bilchaataa tahee nyaatuma kanaahuu itti haajamnaa firiijii keessa nuuf kaayi ka siin jedhan taatees kaayuun sirra jira. Yoo ammoo waan kana yoon kenne, yoo sadaqadhes na hin gaafatanii beeyte, humaa takka sirratti hin jiru. Garuu eega shakkiin bakka tanatti jiraattee, waan isaan dhiisan kana deebi’ii gaafadhu. An waan kana ol hin kaahu; waan ol kaahan qalbiin nama gammaddee hin nyaattuu miskiinaaf kenna jedhiin. Nyaata jiraas haa tahu, bilchaatas haa tahuu hayyama gaafadhuu uf qulqulleessi.     Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned