882: Du'aa'ii godhanii harka dhungatanii dibachuun akkami?
Audio
Content
Gaafii: Namni tokko tokko hogguu duaaii kadhatu harka lamaan isaa dhungatee harkuma san qaamatti dibata. Deebisaa: Rabbiin kadhaa isaatti hoggaa nu kaasu Nabiin keenyallee ? hoggaa nu barsiisu harka olfuudhanii kadhachuun barbaachisa. Harka olfuudhan san dhungachuufi qaamallee diddibuun bid’a. Garuu galgala akka Nabiin keenya ? nuuf himetti hoggaa firaasha irratti olbaatu aayatoowwan ruqyaadhaa sadi sadii qaraatee qaama kee uf dibuun humaa hin qabu. Bakka duaaiitti qaama uf diddibuu garuu daliilli itti hin jiru. Kun bid’aadha. Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned