880: Namni Kiristaanaa yoo Qur’aana kiyya harkaan tuqe maaltu narra jira?

Audio
Content
Gaafii: Makiinaa takka nama hedduu waliin korree Qur’aana harkaa qabu makiina keessatti irranfadhee bu’e. Namni na cinaa taa’aa ture ka kirstaanaa Qur’aana san fuudhee naa kenne. Maaltu narratti jira?   Deebisaa: Namni tokko hoggaa bakka takka dhaqe sagaraas haa tahu, makiinaa keessas haa tahuu kalaama Rabbii guddaa bakka isaan malte kaayuu qaba. Garuu yoo irranfiidhaan wanni akkanaa nama irraa argame wamaa namarratti hin jiru. Namni siif kenne kun silaahuu kaafiraa waan beeku hin qabu. Silaa isarratti haraamii garuu waan itti kennitee naa kenni hin jedhiniin humaa sirratti hin jiru.     Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned