875: Sha’baana guyyaa 15ffaa khayriitu argama jedhanii akkami?

Audio
Content
Gaafii: Sha’baana keessa guyyaa 15tti khayritu argama, Rabbiin namaa araarama jedhanii, warri gariin da’iifa jedhaa mee hadiisni kun akkami?   Deebisaa: Hadiisni Rabbiin SW namaa araarama jedhu hadiisa sahiiha. Laakin halkan sana jireessuufi halkan san akka iidaa godhuu shariaan ni dhoowwa. Hadiisa Sha’baanaa cufa keessaa takkattima tanatu sahiihaayyu. Rabbiin nama lamaan wal lolee zannii qabu malee ni araarama. Warra waliin oodu Rabbiin araarama isaa irraa fageessa. Rabbiin nama namatti zannii qabuuf hin araaramu. Haala akkanaa kana eeggachuun barbaachisa.     Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned