872: Nama imaama boodaan ol ka’etti hidhachuun ni tahaa?

Audio
Content
Gaafii: Nam tokkootu salaata attahiyyaata boodaa irratti dhaqqabee imaamatti hidhate. Imaamni salaama baafatee jennaan olka’ee salaata ufii jalqabe. Namoonni lama dhufanii itti hidhatan. Namni lamaan namticha namatti hidhate kanatti hidhachuun ni tahaa?   Deebisaa: Ni taha waa takka rakkoon hin jiru. namtichi duraa yoo inni salaama baafate akkasiin sadii afurillee walitti hidhamuu dandeetti. Eega imaamni salaamata baafate booda namni tokko dhufee warreen itti guuttachuuf ol ka’e keessaa nama tokko ka diinii qabu laalee tuqee hubachiisee imaama godhatee itti hidhatee salaatuu ni danda’a. Huma takka rakkoo hin qabu.     Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned