864: Waan harka bitaatiin dalagame nyaachuun ni tahaa?

Audio
Content
Gaafii: Namni tokko tokko harka bitaatiin waa dalaga. Dubartiin midhaan hojjattus, hujii hojjattus harka bitaatiin hojjettii nyaata isiin goote nyaachuun ni tahaa?   Deebisaa: Bitaadhaanis mirgaanis dalaguun rakkoo hin qabu. Yoo namni tokko bitaadhaan buna dhaabee bitaadhaan nuu kenne irrumaa fudhanna. Garuu caalaan harka mirgaatiin walii kennuutu bareedaadha. Hojjachuu keessatti garuu harki lachuu waluma gargaaree waliin hojjataa rakkoon hin jiru.     Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned