854: Ijoollee nama aalimaa bira geessanii shahaadaa qabsiisuun akka shariaatti akkami?
Audio
Content
Gaafii: Ijoollee dhalatte fuudhanii sheekhatti ykn kabiiratti geessanii shahaadaa qabsiisuun maali? Deebisaa: Ijoollee eega dhalatte booda shahaadaa qabsiisuun aadaa Muslimaatii miti. Yoo haadhaafi abbaan kararraa jijjiiran malee, Muslimni Islaamummaa irratti dhalata. Wanni shahaadaa qabsiisaniif takkalleen hin jirtu. Warri Nasaaraa ijoollee wanni bishaan itti biifaniif takkaahuu bataskaana geessaniif ilmoon akka Islaamummaa irratti dhalattu waan beekaniif achirraa jijjiruufi. Yeroo namni kun du’uus dibbee itti tumanii waan kana irraa hiikan. Wanni akkas godhaniif gaafa duraa Islaamummaa irratti dhalate irraa waan jijjiiraniif amma ammoo gama keennaan nuti irraa hiiknee bakka duraatti deebisne jechu. Dr. Liwaa’ul Islaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned