853: Nama ijoollummaan waan haraam nyaate maaltu irra jira?

Audio
Content
Gaafii: Namni tokko isaa ijoollee yoo horii ofiin du’e nyaate maaltu isarra jira?   Deebisaa: Raqni/baktiin ati nyaatte bifa lamaatu jira. Tokko ka akkanumatti akkuma foon kaaniitti nyaatani. Ka biraa ka rakkatanii waan nyaatan dhabanii beelarraa nyaatani. Ka rakkinaaf nyaatan kana Rabbiin xiqqaafi guddaafis haalaal godhee jira. Lubbuu ufii baasuuf raqa/baktii nyaachuun halaali. Ati ammoo ijoollee ta’uu keetiif humaa takkallee sirratti hin jiru.     Dr. Liwaa’ul Islaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned