846: Huccuun hoggaa umraa godhan uffachuun dhoorkaa maali?
Audio
Content
Gaafii: Dhalaan hoggaa umraa gootu kophee tama agarte uffattee umraa gootii? Kophee cufaadhaa ufirraa dhiifti moo xawaafa hoggaa godhan kophee hin uffatan? Deebisaa: Dubbiin obboleessi keenya je’u tun cuqqaallii qabdi. Silaa wanni namni umraa godhu uffatuun dhoorkaa maali jechuutu isarra ture. Tanaaf jecha dhalaan da’asa uffachuun, waan banaa uffachuun hajjiifi umraa keessattis dhoowwaadha. Harama hoggaa ol seenan, kabajuma haramaatiif yoo taate malee kophee uffachuun waa takkallee hin qabu. Sunilleen dhalaa irratti hin jiruu beekkadhu. Dhalaan hanga fuulaa qofa dhiiftee yeroo dhiirti itti dhufte fooxaa gubbaa irraa ufitti gad deebifti. Dr. Liwaa’ul Islaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned