832: Nama salaata yeroo hunda hin salaannetti hidhachuun akkami?

Audio
Content
Gaafii: Jarri salaata Rabbii hin fardeessanii akkuma fedhanitti salaatan. Hoggaa namni isaanitti dhufe garuu ummata kanaan wajjiin ni salaatan. Nudura dabranii nuun salaataanii an ammoo wajjumaan itti hidhadhaa, itti hidhachuun kun akkami?   Deebisaa: Jarri ati himtu kun yaahuudas hin jennee nasaaras hin jennee salaata hin fardeessanii akkuma ofii fedhanitti salaatan jette. Ummanni kun Muslima je’aman. Garuu daandiin isaan irra jiran daandii nifaaqati; daandii faasiqummaati. Tanaaf jecha salaata namni akkasii namaan salaatuun salaata kee qeebalamiinsa hin dhoorku. Ummanni sahaabaa Hajjaaj ibnu Yuusuf saqafii damiina warra xaa’if ka ummata sahaabaa meeqa fixe boodaanuu numa salaatanii tana hin irraanfatin. Waan dandeessuun nasiihaa yaadiif. Ummata akkanaa garuu karaa yahuudaafi nasaaratti hin lakkaawin.     Dr. Liwaa’ul Islaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned