831: Bishaan qaama saalaarraa bahu (Mazyiin) soomana ni miidhaa?

Audio
Content
Gaafii: Jaarsaafi jaartiin bakka bakka jiran isaanii haasawa jaalalaa haasawu, Mazyiin yoo isaanirraa bahe soommana ni miidhaa?   Deebisaa: Siifi jaartiin tee takkaahuu jaarsi kee adda fagaattanii fagoodhaa haasawa haasawuun fedhinnaa walitti kaasuun shahwaa hirriibaa ufitti dammaqsuun gaaga’ama guddaa ufirra fiduudha. Namni harka uf kaayee haqqisaa ufirra barbaadu laagaa isaattu murama. Fedhinnaan haasawaan ufitti kaaftu kun rakkinna sitti fida. Dhukkuba muldhii, dhukkuba cophxoo. Maaliif? Wanni sosso’e sun bakkarraa sosso’ee ala hin baane jechu. Tana waan ta’eef dura haasawuma nagayaa wajjiin haasawaa malee waan fedhinnaa isinitti kaasu hamma dandeessanitti irraa fagaadhaa. Garuu mazyiin namarraa bahuun soommana hin balleessuu wudu’a balleessa. Ajriis namarraa hir’isaa soommana keessa of eegaa.   Dr. Liwaa’ul Islaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned