807: Salaata witrii guyyaa salaatuun dandayamaa?
Audio
Content
Gaafii: Salaanni witrii yoo na dabre guyyaa salaatuu nin danda’aa? Deebisaa: Ee ni dandeessa. Yoo ajriin narraa hin citin ka jettu taate. Garuu ammoo sirratti dirqamaa miti. Bifti itti salaattu ammoo yoo hoggaa duraa raka’a sadii aadaa godhatte guyyaa witriin hin jirtuu afur salaati. Yoo duraan shan aadaa godhatte, jaha salaati, yoo torba aadaa godhatte saddeet salaati. Yoo sagal aadaa godhatte kudhan salaati. Yoo kudha tokko aadaa godhatte kudha lama salaati. Yeroon salaata halkanii itti salaattu yeroo sadi. Ishaaii booda, walqixa halkanii, irra fiinxeen ta aakira halkaniiti odoo fajriin hin bahin. Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned