787: Nama nama goowwoomsu ykn kijibuuf malli maali?
Audio
Content
Gaafii: Namni tokko tokko nama goowwoomsa; gariin wama hin jirre irratti kijibaan kakuu guddisa. Kanaaf malli maali? Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, Muslimni wal hin sobuu dhugaa walitti hima. Fakkeenyaaf intala tee kennuu feetee dubra yoo jettee dubrummaa hin qabaanne dubra hin je’in. Akkusuma makiinaa yoo gurguruu feete, dhibdee makiinaan tee qabdu himi. Akkasuma yoo miidhaan gurgurtu jala jiini jiraate goggogaa gubbatti naqxee nama hin gowwoomsin. Eeybii wanni ati gurguruu feetu qabdu dhoysuun haraam calla. Akkuma san Muslimni waan hin jirre cufa irratti kakuu hin guddisu. Kakuu guddisuun badii guddotti nama geessiti; kijibatti nama geessiti. Waan hin jirretti kakaatuun haraamitti nama geessitii irraa fagaadhu. Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned