784: Sujuuda keessatti du’aa’ii adda addaa jechuun hayyamamaa?

Audio
Content
Gaafii: Yeroo salaataaf Sujuudu yoon du'aa'ii Rabbiighfirlii zanbii kullahuu, diqqahu, wajillahuu jettuun kadhadhe naaf gaha moo hin gahu?     Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, sujuuda keessatti duaaii feeteen kadhaachuun karaan siif bana. Garuu waajiba sirra jiru subhaana Rabbiiyal a’laa dhiiftee duaaii tana yoo goote, salaanni kee bade. Sujuuda keessati eega waan sirra jiru gaggeeffattee duaaii godhatta malee, duaaiin bikka waan sirra jiruu hin buutu. Akkuma Nabiin keenya ? nuuf dhaame hogguu jilba qabattan subhaana Rabbiyal aziim je’aa, hogguu addaan lafa tuqxan subhaana Rabbiyal a’laa je’aa. Achi boodaan ammoo duaaii cufaan Rabbi kadhachuu ni dandeessan. Duaaiin ammoo subhaana Rabbiiyal a’alaa bakka hin buutuu beeki.     Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned