773: Eegaan zinaa dalagee nikaaha hidhadhe.

Audio
Content
Gaafii: Gurbaa tokko jaaladheetiin badii walitti hojjannee achi booda nikaaha hidhanne.   Deebisaa: Yaa jara keenya bakka jirtan cufatti mee Rabbillee kadhadhaa. Tun khiyaanaa bar. Wal khaainne jechu malee wal kaadhimne jechuu miti. Jarreen khiyaanaa akkanatti walitti godhan kun nikaan isaaniilleen haraami. Zinaarratti nikaan hin hidhamuu nikaan duraa sun baaxili. Addaan bahuu qaban. Baatii takkarraa hanga baatii sadii adda fagaachuu qaban. Eega addaan bahanii tawbaa qulqullii tawbataniin booda yoo nikaaha godhatan nikaan isaanii bakka jira.   Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned