763: Waaniin ahdii namaaf seene yoon nama san dhabe akkamiin godha?
Audio
Content
Gaafii: Ganda keenya keessa ijoollee darasaa takkatu jira. Ijoollee saniin gaafan biyya Arabaa dhaqe birrii kuma lamaan isinii ergan je’een. Garuu ammoo jarri sun cuftinuu bikka san irraa yaa’anii jiru. Ummata kanaaf waan kana akkamitti erga? Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, nama khayrii jaalatu Rabbi si haa godhu. Garuu Muslimni hogguma hunda waan baallama godhe ni guuta. Ati wanni sirra jiru, jarri bakka fedhellee addaan faca’ee haa jiraatuu, biyyatti maallaqa nama tokko bira kaayii jarreen saniif yeroo agarte kenniif je’i. Takkaahuu ammoo yoo ka biyya dhaqxu taate, gaafuma dhaqxe san waan baallama gooteef guuti. Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned