758: Qadaatu narra jiraa garuu na dhukkubaa akkamiin godha?

Audio
Content
Gaafii: Ramadaana keessa dahee garuu fayyaa dhabee haga Ramadaanni kuun dhufuttis hin fayyinee maaltu narra jira?   Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii ta duraatii Rabbi si haa fayyisu. Ta lammeessaatii soommana bara dheengaddaatiifi ka ammaa ka as deemu jidduu balleessaan takkallee sirra hin jiru. Haalli qadaa itti soomantu ammoo soommana ammaa hoggaa Ramadaanni kun bahe shawwaal irraa eegalii sunnaa itti dhiisii fardii dabarte qadaa ufirraa kafali. Dr. Liwaa’ulislaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned