748: Asriifi Zuhrii Walitti hidhuun tahaa?

Audio
Content
Gaafii: Namni tokkoo nama an bira dalagu kafiila. Namni sun nama hedduu nyaachisaa, guyyaa tokko nama 40 ta’u fidee nyaachisee akkasumatti turanii salaata isaanii zuhurii Asrii waliin qasrii godhanii salaatanii, guyyaan sunillee guyyaa Roobaatii, hukmiin tun maal fakkaatti? Deebisaa: Namni gartanii yoo bikka takkatti walitti qabamee jiraate, yoo Roobni jiraate salaata jam’ii  godhuu numa danda’an masaajidattillee godhuun numa danda’ama. Maalif jennaan uzriidhaaf Rasuulli Rabbii hadiisa Abdallaah ibnu Abbas, abu daawud biratti ka odeeyfame. Hadiisni sun gaafatamanii nabiyyiin Rabbi ? maaliif gootani Jam’ii kana jennaan; ummata kiyaa laaffisuufii Rahammata godhuufii jechaan argamee jira. Kitaaba ahakamul shita’I jedhamu keessa laallachuun ni daanda’ama. Duuba kun rakkoo hin qabu aadaa godhachuu hin barbaachisu malee, rakkoo hin qabu yeroo tokkoof yoo akkana godhame ulmaan itti walii galanii jiru.
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned