739: Zakaatal Fixrii mallaqa(Qarshii) baasuun danda’amaa?

Audio
Content
Gaafii: Zakaatal fixrii abbaa kiyyarraa baasuudhaaf natu sirraa baasaa Abshir jedhee abbaa kiyyarraa baase. Horiin baase kun maallaqa, qamadiif ruuza hin baafnee. Horii kana yoo baasullee Riyaluma kudhan baase. Akkam seerri kun? Deebisaa: Ta duraa, Abbaa kee irraa baasuu ni dandeessa wakiila taatee irraa baasuu ni dadeessaa. Ammo akka kilaafni xiqqoon keessa jirutti, waldhabbiin gara ulamaa jechuu kiyya, midhaan baasutu irra caalaadhaa horii baasuun hin ta’uu jedhametu jira. Ka dabreef Rabbi irra nuuf haa dabruu jennaa, ta sii achiitiif akka midhaan malee horii hin baafnee ofirraahis abbaa keetirraahis jechu dha in shaa ALLAAH.     Sheikh Alii Jimmaa
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories

No categories assigned

Tags

No tags assigned