728: Sunnaa Wudu’aa eega bishaan wudu’aa namarraa gogee booda salaatuun danda’amaa?
Content
Gaafii: Yoo wudu’adhee bakka hojjadhutti osoo sunnaah wudu’aa hin salaatin na yaamanii deemee saa’aa takka booda yoo dhufe bishaan sun narraa gogguudhaaf sunnaan wudu’aa na dabarte jechuudhaa?
Deebisaa: Yaa Gabrittii/Gabricha Rabbii, sunnaan wudu’aa Sunnaadha. sunnaa jechuun yoo dalagde waan ajrii irraa aragattu yoo dhiifte Rabbiin ka si hin gaafanne jechu. Tanaaf jecha sunnaa wudu’aa salaatuun jiidhaan wajjiin hidhannaan hin jirtu. Ammuma wudu’attee osoo huccuudhanillee ufirraa qoorsitee salaattee wama takkaa sirratti hin jiru.
Dr. Liwaa’ul Islaam
Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 21, 2025
Updated: Aug 21, 2025
Categories
No categories assigned
Tags
No tags assigned