144: Dhungoon wuduu’a balleessaa?

Content

Gaafii: Jaarsaafi jaartiin osoo wudu’a qaban yoo wal dhungatan, wuduu’ni isaanii ni badaa?

Deebisaa: Hadiisa Aa’ishaan (RA) gabaaste keessatti, “Rasuulli (SAW) Jaartii isaa irraa takka dhungatee, soo irra deebi’ee wuduu’a hin godhin gara masjiidaa deeme” jettee dubbatte. Abuu Daawuud, Ax-Xahaaraah 180, 179, 178; Timizii, Ax-Xahaaraah 86; Nasa’ii Ax-Xahaaraah, 1.104; Ibnu Maajaah Ax-Xahaaraah, 502)

Dhimma kanarratti ulamaa’iin yaada addaa qaban. Gariin jaarsaafi jaartiin wal tuquun wuduu’a balleessa jedhan. Gariin ammoo yoo fedhinnaa keessa seenanii wal tuqan qofa wuduu’ni bada jedhan. Gariin ulamaa’ii ammoo, haala kamiinuu yoo qaamaan wal tuqun wuduu’ni hin badu jedhan. Yaanni siirrii kan ragaa hadiisaatiin deeggarame yaada xumuraa kana.

Rasuulli (SAW) haadha warraa isaa dhungatee, osoo irra deebi’ee wuduu’a hin godhin gara masjiidaa deeme. Kana jechuun jaarsaafi jaartiin wudu’a osoo qaban yoo wal dhungatan, wuduu’ni isaanii hin badu jechuudha.

Yoo jarri lameen fedhii guddaa keessa seenanii wal dhungatanii bishaan irraa bahe, wuduu’ni isaanii ni bada. Bishaan irraa bahes gosa adda addaa qaba. Bishaan fedhinnaa qofaaf dhufu kan qaama saalaa jiisuuf bahu yoo tahe, bakka bishaan tuqe ofirraa dhiqanii irra deebi’anii wuduu’a godhan.  bishaan yeroo fedhii geeffatan namarraa bahu (Maniyyii) yoo tahe ammoo, qaama guutuu dhiqachuun waajiba taha.

Irra filatamaan, yeroo wudu’a qaban fedhinnaan wal tuttuquu irraa fagaachuudha. Yeroo garii yeroo wal tuqan ykn wal dhungatanitti wanti addaa osoo hin mudatin, turtii muraasa booda bishaan qaama jiisu namarraa bahuu danda’a. yeroo garii osoo salaata keessa jiran bishaan akkanaa namarraa baha. Kun ammoo salaata namarraa balleessa.

Rakkoo hunda irraa of oolchuuf, yeroo wuduu’a godhatanii gara masjiidaa deeman, jaartii ofii harkaan tuquufi dhungachuu irraa fagaachuun filatamaadha. Yoo dhungatan ykn yoo harkaan tuqan diliin namarra hin jirtu.

Hukmii Walii-Galaa

Yoo nama haala hamaa qabu wajji jiraachuuf dirqamte, humna qabdu hundaan hikmaa fayyadamii nama wajji jiraattu gama toltuu yaami. Hamtuu irraa deebisuuf yaalii godhi. Yoo dadhabdee dubbiin humnaa ol sitti taate, irraa fagaachuu yaali. Yoo irraa fagaachuunis rakkisaa tahe, akka hamtuun nama sanii si hin tuqne tooftaan ofirraa eegi. Hanga Rabbiin sirraa jijjiirutti obsaan gargaarsifadhu. Akka namni sun karaa irraa si hin jallisne of eeggannoo guddoo godhi.

Created: Aug 21, 2025
Updated: Aug 22, 2025
Categories
Qulqullina
Tags
Wudu'a